• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti waraanni sirnichaa namoota lama hidhuun dararaa jiraachuun dhagaa’ame

Jun 29, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024

Sirni hidhaa akka furmaataatti qabatee deemaa jiru bilxiginnaan, uummata Oromoo hidhuun jiilchanii qabsoo hidhannoo WBO’n geggeessaa jiru irraa boodatti deebisuuf yaalaa kan jiran yoo ta’u, gochi isaanii kun ittuu daran qabsichatti hammeessaa jira malee booda deebisaa kan hin jirre ta’uun  ni beekama.

Haaluma kanaan waraanni koloneel Abiy Ahimed irraa ajaja fudhatee bobba’e humni badee balleessaan kun Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Laaloo Nooraa keessaa Waxabajjii 26, 2024 namoota nagaa lama obboleyyan kan ta’an Iyyaasuu Taganyee fi Bojaa Taganyee kan jedhaman obboleessa keessantu WBO keessa jira isa quunnamtu jechuun Oromummaan yakkanii hiraarsaa fuudhanii deemuun mana hidhaatti darbachuu isaanii maddeen addeessaniru.

Akka Arratni Biyyoolessa Oromiyaa maddeen naannichaa tokko tokko irraa odeefattetti namni ba’ee galuun rakkoo ta’uu fi kanneen hidhaa jiran malee lubbuun dhabamsiisaa jiraachuun yoo fedhan ammoo qarshii hedduu gaafachuun kaffalaa ba’aa jedhanii ittiin saamaa jiru, hawaasni aanichaa dararaa hamaa keessa jiru jechuun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading