• Fri. Mar 13th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti diina du’aa fi madoon adabuu itti fufe

Jun 30, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024

Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBO’n Bobbaa Irbuu Shinniggaan tarkaanfii waraana faashistii irratti dirree fi mooraa ishee keessatti irratti fudhatu jabeessuun Zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti diina du’aa fi madoon adabuu itti fufeera.

Akkka kanaanis Waxabajjii 29,2024 aanaa Harxummaa Fursee bakka addaa Laaftoo jedhamutti lola jajjabeen WBO  waraana maafiyaa Abiy Ahimed irratti ganama sa’a 1:00 irraa eegaluun hanga sa’a 6:00’tti taasiseen humna diinaa irraa battalatti 8  ajjeesuun 10 madoo cimaan geggeesseera. 

WBO’n Bobbaa Irbuu Shinniggaan tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachuu itti fufuun bakka hedduutti irree gootummaa isaa itti agarsiisaa jira.

Gabaasa  tarkaanfii  Bobbaa Irbuu Shinniggaa hordofnee kan isin beeksisnu ta’a.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading