• Wed. Sep 23rd, 2026

Godina Baha Wallaggaa Ona Saasiggaatti humnoonni waraana PP hawaasa hidhaatti guuruu fi saamicha itti fufan

Jul 1, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024

Maqaa sakkatta’iinsa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bobbaafamanii kanneen fedhii fi hawwii ofii isaanii fi sirnichaa qofa guutuuf ifaajan, akkasumas; uummata Oromoo garmalee dararaa jiran loltootni PP Riphee Lolaa jedhamuun beekaman godina Baha Wallaggaa ona Saasiggaa ganda Tokkummaa Tsigee jedhamutti hawaasa nagaa hidhaatti guuruu fi saamicha hamaa ta’e irratti raawwachaa jiraachuun ibsame.

Akka hawaasni gandichaa jedhanitti, “ganda Tokkummaa Tsigee jedhamu kana keessatti Waxabajjii 26, 2024 nama maqaan isaa Waaqtolaa Margoo jedhamu ‘hidhata WBO qabda’ jechuun loon sadii jalaa ooffatanii deeman” jechuun namootni itti dhiyeenyaan beekan gabaasan.

Kana malees, waraanni nama nyaataan kun ganduma kana keessaa hawaasa nagaa hidhuu fi dararuu daran jabeessee kan itti fufe yommuu ta’u, dargaggoota maqaan isaanii: Caalaa Tamasgeen, Birukee Tasfaa, Camadaa Takiluu fi kanneen biroo hedduun  ”hidhata WBO qabdu” jedhamuun Waxabajjii 25, 2024 qabamanii waajjira poolisii onichaatti dararamaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading