• Fri. Mar 20th, 2026

Naayijeeriyaatti dhohiinsa walduraa duubaan raawwatameen yoo xiqqaate namootni 18 ajjeefaman

Jul 1, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024

Tajaajilli balaa tasaa Naayijeeriyaa akka jedhetti, Sanbata darbe kaaba Baha Naayijeeriyaa kutaa Boornoo keessatti dhohiinsa walduraa duubaan mudateen yoo xiqqaate namoonni 18 du’uu fi namootni hedduun madaa’anii jiru jechuun ibse.

Haleellaa sadan keessaa tokko cidha magaalaa Giwozaa naannoo Kaameeruun jedhamtutti dho’uu  dhaabbatni oduu AFP qondaaltota wabeeffachuun gabaaseera.

Dhohiinsi lammataa hospitaala magaalattii sana keessa jiru keessatti kan raawwatame yoo ta’u, ammas guyyaa booda awwaalcha namoota dhohiinsa cidhaa kanaan miidhaman irratti haleellaan biraa raawwatamuu isaa qondaaltonni himaniiru.

“Hanga ammaatti daa’imman, dhiirota, dubartootaa fi dubartoota ulfaa kan dabalate lubbuun namoota 18 darbeera. 

Dho’iinsa kanaanis miidhaan jajjabaan qaama isaanii irra ga’uu itti gaafatamaan Ejensii Bulchiinsa Balaa Tasaa Naannoo Bornoo Barkindo Saidu ibsa kennaniiru .

Aangawoonni akka jedhanitti, namoonni 19 dabalataan miidhaa cimaan kan irra ga’e yoo ta’u, kan miidhaa cimaan irra ga’e xiqqaadha. 

Magaalaan Giwozaa bara 2014 hidhattoota Bookoo Haraamiin qabamtee turte. Gargaarsa humna Chaad irraa dhufaniin waraana Naayijeeriyaatiin deebifamtus ergasii garuu yeroo hedduu haleellaa irra gaheera.

Mootummaan Boornoo giddu galeessa rakkoo kanaa kan turte yoo ta’u, Bookoo Haraam fi gareen isaan gargar ba’e, bulchiinsa Islaamummaa Afrikaa Dhihaa naannicha keessatti baay’ee socho’aa turaniiru.

Rakkoon kun Niijar, Kaameeruun fi Chaadittis kan babal’ate yoo ta’u, biyyoonni kunneen garee finxaaleyyii kana loluuf gamtaa waraanaa uumuun isaanii ni yaadatama jechuun Deutsche Welle’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading