• Sat. Mar 14th, 2026

Yaaddannoo Weellisaa Haacaaluu Hundeessaa irratti dargaggoonni hedduun loltoota PP’n reebichi hamaan irratti raawwatamuu fi hidhamuun beekame

Jul 1, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024

Akkuma beekamu guyyaan kaleessaa waggaa arfaffaa aartist Haacaaluu Hundeessaa itti ajjeefame yoo ta’u, ilmaan Oromoon biyya keessaa fi biyya ambaa jiraniin yaadannoon sammuu taasifamaafii ooleera.

Qeerroon Oromoo biyya keessaa guyyaa kaleessaa kana T-Shirt suuraa Haacaaluu Hundeessaa qabuu fi dhaadannoo adda addaan barreeffame uffachuun magaalota tokko tokko keessatti walitti qabamaa turaniiru. 

Sirni Haacaaluu galaafate kunis suuruma isaa ijoollee irratti jibbuun dargaggoota hedduu magaalota akka Wallisoo, Sabbataa, Adaamaa fi Buraayyuu keessaa reebicha hamaa irratti raawwachuun mana hidhaatti naqanii jiru.

Bakkeewwan tokko tokkotti ammoo dargaggoonni akka walitti hin qabamne gochaa akka turanii fi akka yaadannoo hin gooneef reebichaan adda bittinneessaa turan.

Keessattuu akka maddeen keenya jedhanitti dargaggoota magaalaa Walisoo keessatti walitti qabaman hedduu irratti reebichi hamaan akka raawwatames dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading