ONM-ABO Adoolessa 1, 2024
Irree fi gaachanni sabaa WBO’n Bobbaa Irbuu Shinniggaa guyyaa dheengaddaa Waxabajjii 28, 2024 waloon tarkaanfii waraana maafiyaa PP irratti zooniilee hundaa keessatti eegaleen Zoonii Kibba Baha Oromiyaa keessatti diina du’aa fi madoon adabuu itti fufee jira.
Warqiileen Oromiyaa aanaa Martii ganda Gaado-Gaaddullaa fi ganda 02 keessatti waraana sirna bututaa suphuuf magaalaa keessa yaatee uummata nagaa hiraarsaa turte mooraa isheetti itti marsuun kaleessa barii Waxabajjii 30, 2024 tarkaanfii irratti fudhateen 13 ajjeessee 5 madeessuun tikoota isaanii lama lola keessatti booji’uun qawwee AKM 1 fi SKS 1 irraa hiikeera.
Tarkaanfii kana baaraaguun loltoota WBO dheessan keessaa 3 qawwee fi hidhannoo gatuun achi buutee dhabamuu isaanii odeessi keessoo PP’tii ba’e ni addeessa.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun godina Baha Wallaggaa aanaa Billoo Boshee keessatti diina du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii ganana kaleessaa Waxabajjii 30, 2024 barii sa’a 12:00 irraa qabuun mooraa waraana faashistii PP ganda Gambeela Tarree irratti fudhateen hedduu du’aa fi madoon adabee mooricha keessaa buqqisuun hanga gabaasni kun qindaa’etti milishaa tokko harkaan qabee jira.
Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqiitti dhiyoo kan taate ganda Tuuchii Raasaa keessatti dheengadda Waxabajjii 29, 2024 waaree booda toora sa’a 11:00 irratti tarkaanfii fudhatameen waraanni faashistii PP du’aa fi madoon adabamtee jirti.
Madoo fi du’aa ishee gaarii gaangeen dirqamaan uummata feesiste jirti.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’n Zoonii Kibbaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Haroo Baartaatti seenuudhaan tarkaanfii halkan dheengaddaa Waxabajjii 29, 2024 fudhateenis injifannoo galmeessee jira.
Tarkaanfii waraana faashistii Itoophiyaa irratti fudhate kanaanis hedduu du’aa fi madoon adabee qawwee 𝗔𝗞𝗠 1 irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii taasisee jira.
WBO’n bilisummaa sabaa fi walabummaa Oromiyaaf qabsoo hidhannoo jabeessee jiru loltoota Abiy Ahimed fi Biraanuu Juulaa isaan sobaan nageenya gaanfa Afrikaa eeguuf qophii dha jedhan ajjeesee irraa hiikkachaa madeessee ba’aa itti gochaa buqqisee teessoo dhabsiisaa injifannoo cululuqaa irratti argachaa jira.







