ONM-ABO Adoolessa 1, 2024
Gareen finciltootaa M23 Baha Rippabilika Diimokiraatawaa Koongoo bulchiinsa Kaaba Kiivuu keessatti walitti bu’iinsa waraana Koongoo (FARDC) waliin uumameen naannoo haaraa lama to’achuu danda’eera.
Kamisa galgala naannoo Miriki fi Kimaka keessatti walitti bu’iinsi hamaa M23 fi loltoota Koongoo gidduutti kan uumame yoo ta’u, lola kanaan mo’icha argataniin naannoo lamaan kana qabachuu dandaa’aniiru.
Akka maddeen waldaalee siivikii hedduun jedhanitti, ergasii jiraattonni naannoo lamaanii haleellaa finciltootaa ganama naannoo sa’atii sadiitti raawwatameen booda baqataniiru.
Bulchaan naannoo Lubero Koloneel Alain Kiwewa naannoo Miriki fi Kimakaatti lolli itti fufee jiraachuu mirkaneessaniiru.
Akkasumas finciltoonni kun boombii hedduu darbachuu isaanii, Kaniyaabaayoongaa fi Kirumbaa rukutuu isaanii gabaasni yeroo agarsiisutti, daa’ima tokko dabalatee namoonni shan du’uu isaanii fi namoonni hedduun madaa’anii akka hafan miidiyaalee Rippaabila Diimokiraatawaa gabaasaa jiru.
Finciltootni M23 mootummaa Ruwaandaan deggeramaa jiru jechuun komeen adda addaa irratti dhiyaatus pirezidaantiin Ruwaandaa gargaarsa taasisan dhaabuu irra barbaachisaa ta’ee argamnaan Koongoo loluuf qophii dha jechuun isaanii ni yaadatama.


