• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Martii  gandoota garaagaraa keessatti hidhaa fi reebichi hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

Jul 5, 2024

ONM-ABO Adoolessa 1, 2024

Humni badee balleessaan maqaa nageenya biyyaa eegna jedhuun bobba’ee uummataan isintu WBO nu lolchiisaa jira jedhuun badii isaanii malee dararaa gar-malee irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni yeroo hedduu irra deddeebiin ONM’tti himaa turan.

Guyyaa kaleessaa Waxabajjii 30, 2024 waraanni maafiyaa PP uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu, reebuu, qabeenya saamuu fi ibiddaan barbadeessuun, gocha aadaa fi safuu hawaasichaatti bu’u hojjechuuf gara jabummaan Abiy Ahimediin bobbaafaman ijoollee xixxiqqoo loon eegduun WBO’n eessa jira jedhanii waan isaan hin beekne humnaan himsisuuf harka lamaan walitti hidhanii aduu keessa  tursiisuun gar-malee qaamni isaanii hoo’uu irraan kan ka’e ijoolleen lama of wallaaluun gara mana yaalaa akka geeffaman namoonni maqaan isaanii rakkoo nageenyaaf jecha akka eeramu hin feene ONM’tti himaniiru. 

Humni murna nama nyaataa kanaa umurii isaa dheeressuuf jecha namoota hedduu  godina Arsii Bahaa aanaa Martii gandoota akka Gaadoo, Gaaddullaa, Heellaa fi Gaadoo Arbaa keessaa hidhaatti guuramanii jiran maqaan isaanii 

1. Fallaqaa Lammaa

2. Wandataa Huseen

3. Leencoo Huseen

4. Kadir Amaan 

5. Abdurhamaan Hajii

6. Baraddiin Huseen

7. Ahimed Siraaj

8. Kamiil Galmaa

9. Muraad Muhaammad 

10. Dittaa Zawudee jedhaman kanneen mana hidhaa magaalaa aanichaatti hidhanii rabbicha guddaa irraan ga’aa jiraachuu fi achi keessattis maatii isaanii akka hin dubbisne dhorkaa jiraachuu jiraattonni himaniiru.

Kana malees guyyaa dheengaddaa Waxabajjii 29, 2024 ganda Goraa Silingoo irraa nama maqaan isaa Ibraahim Amiin jedhamu magaalaa aanaa irraa butuun reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda mana hidhaatti darbatanii jiraachuu  jirattoonni ifoomsanii jiru.

Akka hawaasni bakka sanaa eeraanitti qeerroon kun baadiyyaa irraa gara magaalatti yeroo inni dhufe waraqaa eenyumma isaa ilaaluun gandi keessan WBO wajjin oolee bulaa jira, ati amma magaalaa keenya rukkuchisuuf dhufte nutis dursinee si ajjeefna jechuun reebaa ergaa turaniin booda harka isaa duubatti hidhuun mooraa waraanaa isaanii  geessuus himan.

Haaluma wal fakkaatuun guyyaa kaleessaa Waxabajjii 30, 2024 ganda Gaadoo Gadduullaa keessatti sababa WBO’n  tarkaanfii fudhateef isinitu dawoo ta’eefii nu rukuchisaa jira jechuun uummata humnaa ol reebuun nyaataa fi dhugaatii dirqiin irraa gurraachaa oolan jedhu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading