OMM-ABO Adooolessa 2, 2024
Murni Bilxiginnaa erga dhufee kaasee saamicha adda addaa raawwachaa kan ture yoo ta’u, addatti ammoo magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheetti maqaa kaartaa fi pilaanii hin qabdaniin namoota hedduu jalaa manneen isaanii irratti diiguun maatii hedduu rakkoo fi balaaf saaxiluun isaanii taatee yeroo dhihooti.
Guyyoota sadeen kana bifa addaan ammoo naannoo Gooroo keessatti maqaa qulqullina magaalaa jedhuun manneen namoota hedduu beenyaa tokko malee irratti diigaa akka jiran jiraattotni ONM’tti himan.
Akka jiraattotni jedhanitti yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa ol ka’ee uummanni waan qabuu fi dhiisu wallaalee jirutti manneen irratti diiguun kun waanuma uummaticha dararuuf karoorfatanii hojjechaa jiraniidhas jedhan.
Koloneel Abiy Ahimed Ilmaan haadha hiyyeessaa boochisuun manneen isaanii irraa diigee ofii ammoo siyaasa isaa bareechachuuf jecha karaa miidiyaa fi dabballoota isaanii hololuun bakkoota mimmiidhagoo barbaadanii suuraa biratti ka’uun mul’ata.

