OMM-ABO Adooolessa 2, 2024
Baroota as dhihoo hooggansi abbaa irree koloneel Abiy Ahimed aangoo impaayerattii qabatee kana keessa falmii guddaan sirnicha mudatee kan jiru yoo ta’u, sirnichis haqa ittiin uummata dura dhaabbatu dhabee oggaa caccabaa jiru argaa jirra
Bulchitoonni impaayerattiitti wal furaa dhufan adeemsi isaaniis adda kan fakkaatu haa ta’u iyyuu malee xiyyeeffannoon hunda isaanii Oromoo ballleessuudha.
Hacuccaa daangaa darbe jalatti bitamee kan jiru sabni Oromoo mirga afaan isaan dubbachuu, qe’ee isaarra nagaan jiraachuu, mirga gaaffii fedhe gaafachuu fi lubbuun jiraachuu isaa hanqatee yakka tokko malee baarjaa sobaan angaa’ota impaayeerattii biratti yakkamee godaanuu fi gadadamuu ta’ee jira.
Waraanni akka feeteen abbaan irree hawaasatti bobbaase bulchinsa magaalaa Naqamteetti rakkoo gurguddaa jiraattota irraan ga’aa jiraachuus jiraattonni ONM magaalicha irraa dubbise ifoomsaniiru.
Addattuu kaleessa jechuun Adoolessa 1, 2024 waraanni faashistii koloneel Abiy Ahimed milishoota sirnichaa waliin heyyama mana murtii tokko malee gandoota magaalichaa hunda keessatti sakattaa geggeessuun namoota hedduu hiraarsaa akka turan nuuf eeraniiru.
