ONM-ABO Adoolessa 5, 2024
Uummata Oromoo lafarraa duguugee fixuuf waraana isaa bobbaasee haala suukkaneessaa ta’een hawaasa nagaa rasaasa itti roobsuun ajjeesaa kan jiran loltoonni konoleel Abiy Ahimed godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti nama tokko ajjeesuun ibsame.
Halkan dheengaddaa Adoolessa 3, 2024 Waraanni Bilisummaa Oromoo ona Limmuutti akkuma tarkaanfii laalessaa lukkeelee diinaa irratti fudhateen guyyaa kaleessaa ganama jechuun Adoolessa 4, 2024 loltoonni sirnichaa Raayyaa Ittisa Impaayeerattii jedhaman magaalaa Galiilaa jedhamu keessaa nama maqaan isaa Obbo Itichaa Caraanaa jedhamu rasaasa itti roobsuun haala suukkaneessaa ta’een ajjeesuu jiraattonni magaalichaa himan.
“Obbo Itichaan magaalaa Galiilaa keessaa daldalaan kan ofii fi maatii isaa jiraachisu, akkasumas abbaa ijoollee 6 kan ta’eedha jechuun kan dubbatan jiraattonni magaalichaa, kana duras yeroo dheeraadhaaf maqaa WBO deggarta jedhuun mana hidhaatti dararamaa turuu fi ilmi isaa Misgaanaa kan jedhamu sababa abbaa isaaf hanga Xoollayitti hidhamaa kan ture ta’uu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Akka jiraataan magaalichaa maqaan isaa hin dhahamne tokko jedhutti, “waraanni impaayera Itoophiyaa Raayyaa Ittisaa jedhaman kaleessa barii barraaqa mana isaa dhaquun gadi taa’i jedhanii erga gadi teessisanii booda ‘situ Waraana Bilisummaa Oromoo nutti fide’ jechuun rasaasa itti roobsanii haala suukkaneessaa ta’een ajjeesan” jechuun dhugaa jiru hima.
Onichatti maanguddoonni hedduun sababa tokko malee gaaffii seeraa osoo hin gaafatamin ji’oota hedduuf dararaa hamaa argaa jiraachuu fi akka waliigala onichaatti rakkoo hamaan hawaasa irratti hammaachaa jiraachuu jiraattonni magaalaa Galiilaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

