• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee magaalaa Beddelleetti caasaan bilxiginnaa qabeenya uummataa irratti saamicha adda addaa raawwatan

Jul 6, 2024

ONM-ABO Adoolessa 5, 2024

Gareen gabroomfataan impaayera Itoophiyaa kutaalee Oromiyaa adda addaatti ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkee: ajjeesuu, hidhuu, saamuu, mana irratti gubuu, ari’ee qe’ee fi qabeenya irraa godaansisee dararaa ulfaataa ta’e hawaasa nagaa irratti qaqqabsiisuun jiruu fi jireenya jibbisiisaa akka  hawaasni jiraatu taasisanii jiru.

Haaluma kanaan, magaalaa Beddelleetti lukkeeleen bilxiginnaa aangoo isaanii fayyadamuun qabeenya uummataa irratti saamicha ulfaataa ta’e irratti raawwataa jiraachuun ibsameera.

Kantiibaa magaalaa Beddellee kan turee fi yeroo ammaa abbaa qabeenyaa kan ta’e namni maqaan isaa Habtaamuu jedhamu mana qabeenya uummataa ta’e aangoo isaa fayyadamuun kaartaa fi pilaanii gara maqaa isaatti naanneffatee mana gandaa uummanni waloon itti fayyadamaa ture kan “Seenaaf Kaaffee” jedhamu uummata irraa buqqisuu  isaa keessa beektonni dubbatu.

Akka jiraataan magaalichaa tokko jedhutti, “Nuti Seenaaf Kaaffee kan jedhamu kana mana gandaa fi qabeenya uummataa ta’uu isaa beekna. Yeroo kantiibaa magaalaa Beddellee ture aangoo isaa fayyadamuun kaartaa fi pilaanii gara maqaa isaatti jijjiirrate” jechuun miira xiiqiin guutameen dubbata.

Kana malees, murni bilxiginnaa kun jiraattota magaalichaa saamuun uummatni yeroo adda addaatti himachaa jira.

Jiraataan magaalichaa  biroo ammoo akkas jedha, “mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa (1-8) “Guddattuu Seenaa” jedhamu banuun qaamolee mootummaa irraa illee heyyama tokko kan hin qabne barsiisaa jira. Kana qofa osoo hin taane, namichi kun Kolleejjii illee banuun sagantaa garaa garaan barsiisaa jira. Yeroo barattoonni isaa barnoota xumuran, waraqaa xumura barnoota isaanii agarsiisu (Teempoo) dhorkachuun qarshii fi yeroo barattoota sanaa qisaasessa jedhu. 

Barattootni fi namootni miidhaan irra gahe mana murtiitti himataa jiru. Qabeenya uummataa garmalee saameera. Mana murtiittis matta’aa waan isaaniif kaffaluuf haqni uummatichaa hanga ba’u Waaqatu beeka” jechuun miidhaa karaa murna PP kanaa uummata magaalichaa irra ga’aa jiru dubbata. 

Magaalota Oromiyaa biroottillee caasaaleen bilxiginnaa bifa isaan irratti hin beekamneen waan hawaasa fayyadaa jiran fakkaachuun saamicha ulfaataa irratti bobba’anii jiraachuun isaanii baay’inaan ni dubbatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading