• Sun. Jan 11th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee keessatti hidhattootni sirnichaa manneen jiraattotaa gubuu fi namoota gadda taa’aa jiran 46 jumlaan hidhuun dhagaa’ame

Jul 6, 2024

ONM-ABO Adoolessa 5, 2024

Hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo addaan baasuu dadhabuun ajjeechaa, hidhaa jumlaa fi qabeenyaa uummata nagaa jalaa barbadeessuu filannoo kan godhatan faashistootni bilxiginnaa gochoota diinummaa isaanii hawaasa Oromoo irratti raawwatan kan duraa caalaatti daran jabeessanii itti fufaniiru

Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee ganda Tammaanoo keessatti Roobii darbe Adoolessa 3, 2024 namoota gadda taa’aa jiran raayyaan ittisa impaayeerattii fi milishoonni sirnichaa duudhaa fi safuu uummata Oromoo guutummaatti dhabamsiisuuf hojjechaa jiran gadda maaliif teessu, ilmaan keessantu miseensa WBO’ti, isin duruu deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti malee  bilxiginnaa hin deggartan jechuun namoota bakka gadda sanaatti argaman, xiqqaa guddaa osoo hin jedhin dubartii ulfaa fi daa’imman umriin 9 osoo hin hafne reebicha ulfaataa irratti raawwachuun hidhanii akka jiran maddeen keenya  dubbatu. 

Namoota mana gaddaa sanaa reebichi hamaan irratti raawwachuun hidhaman keessaa muraasni kan maqaan nu ga’e Nuuruu Sa’id fi Kadir Sa’id, obboolota kan ta’an haadhaa fi abbaa isaanii waliin, Awwaluu Maammiyoo, Abduu Muhee, Huseen Sa’id, Mahaammad Huseen ganda Harriyyee irraa, Nuuruu Muhee ganda Utaaltee irraa, Abduu Ahimed ganda Utaaltee irraa,  Nuuruu Maammee, Jamaal Muhee ganda Karaa irraa, Jabaa, Sayyoo Muhee ganda Karaa Jabaa irraa, Dalaluu Muhee ganda Karaa Jabaa irraa Abduu Huseen ganda Baloo, Ahimed Awwalee, Huseen Hasan,  Ahimed Aduwwee, Adam Dagguu, Adam Giraduu, Ahimed Nuuruu, Ibraahim Yuusuuf, Abduu Ibraahim fi ilma isaa Hiddee Ahimed, Sa’id Ahimed,  Sheek Huseen Dhaddachoo, Abduu Idiris, Hasan Suleeman, Sayyoo Abduu, Abduu Maammiyyoo  fi Abduu Sa’id,  kanneen jedhaman jumlaan hidhaniiru.

Guyyuma sana Adoolessa 3, 2024 ganda Misgiidaa keessaa warreen manneen isaanii hidhattoota murna bilxiginnaan jalaa gubate Adam Hasanii fi Maammee Abushiyyaa kan jedhaman mi’a mana keessaa tokko osoo hin baafatin jalaa gubanii barbadeessuun yeroo ammaa maatiin isaanii faffaca’uun jiruu bakkeef saaxilamanii gidiraa argaa akka jiran jiraataan gandichaa ONM’tti himeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading