ONM-ABO Adoolessa 5, 2024
Murni ilmaan Oromoo hacuucuun hojii idilee isaa ta’e bilxiginnaan daa’immanii qabee hanga maanguddootti hidhaa, reebicha, saamichaa fi ajjeechaa jumlaa raawwachaa jiruun uummanni gaagaa’ama hamaa keessa galanii jiraachuun kan beekamuudha.
Akka kanaanis Adoolessa 3, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda Calliyaa Eekkaa keessatti bobba’uun maqaa maallaqa WLQO’tu isinirra jira jedhuun waraanni sirnichaa namoota nagaa jiruu dhuunfaa isaanii hojjechuuun jiraatan hedduu qabuun konkolaataa tokko guutuu magaalaa gullisootti geessanii jiraachuu jiraattonni himan.
Kanneen maqaa qarshii WLQO’tu isinirra jira jedhanii ittiin saamuuf qabanii jiran kana malee gara dirree waraanaatti erguu fi leenjii miliishaa leenjisuuf namoota hedduu jumlaan guyyuma kana qabanii jiraachuu dabaluun ibsanii jiru.
Aanicha keessatti keessaayuu gandoota baadiyyaa keessatti dararaa gurguddaan waraana bilxiginnaan uummata irra ga’aa akka jiru kan kaasan jiraattotni, bilxiginnaan piroojektootni deebii siyaasaa naaf ta’a jedhu irratti xiyyeeffachuu malee dhala namaaf gatii kennanii hin beekan jechuun badii isaanii himuun balaaleffataniiru.



