ONM-ABO Adoolessa 1, 2024
Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn Bobbaa Irbuu Shinniggaan har’a ganama barii Adoolessa 1 godina Bunnoo Beddellee aanaa Makkootti ganda Waatoo keessatti tarkaanfii waraana faashistii PP maqaa Riphee Lolaan bobbaafaman irratti fudhateen du’aa fi madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii boonsaa kanaanis waraana Abiy Ahimediin du’aa fi madoon adabuun cinaatti qawwee AKM 5 fi SKS 2 irraa hiikuun loltoota sirnicha eeguuf hidhachiifamanii maqaa Riphee Lolaan bobbaafaman 5 harkaan qabee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
