• Wed. Nov 25th, 2026

Finciltoonni M23 Baha biyyattiitti Saffisaan Tarkaanfachuu Itti Fufuudhaan Pirezidaantiin Rippaabilikaa Diimookiraatawaa Koongoo Ruwaandaa waliin gara Mariitti Galan

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 7, 2024

Hoogganaan gahumsa hin qabne Rippabilika Diimokiraatawaa Koongoo Feliiks Shisekeedii finciltoota M23 kanneen naannoo tarsiimoo bulchiinsa Bahaa Kaaba Kiivuu to’achuu itti fufaniif jilbeenfataniiru.

Ergasii Shisekeediin gara Angoolaatti garagaluun Ruwaandaa kanneen deggartoota ijoo finciltootaa fi sochii isaanii Baha keessatti ta’an jedhaman waliin marii nagaa jalqabuuf gaafataniiru.

Hoogganaan Koongoo kanaan dura Ruwaandaa fi Pirezidaantii ishee Pool Kaagaamee kanneen waraanaa fi weerara kakaasan jechuun himate waliin mari’achuu akka hin qabne himanii turan.

Torban darbe Shisekeediin ayyaana guyyaa walabummaa biyyattii 64’ffaa irratti prezidaantii Angoolaa Jo’ahoo Luurenkoo, DRC fi Ruwaandaa mariisisuuf giddu seentummaan muudame waliin kan wal argan yoo ta’u, yeroo M23’n miidhaa geessisuu itti fufee jirutti Ruwaandaa waliin marii hatattamaan jalqabuuf fedhii qaban ibsaniiru.

Kamisa, Adoolessa 4, 2024, Ministirri Dhimma Alaa Angoolaa Teetee Antoniyoo, itti gaafatamtuu haaraa dippilomaasii Koongoo ThereTeereezaa Kayikiwaambaa Waagner kan adeemsa marii saffisiisuuf Shisekedii irraa itti kenname waliin wal arguuf magaalaa guddoo Koongoo Kinshaasaa galan.

Ministiroonni lamaan guyyoota itti aanan keessatti walgahii kallattiin Shisekeedii fi Kaagaamee gidduutti gaggeeffamuuf yaadame irratti bal’inaan mari’ataniiru jechuun miidiyaalee naannoo Rippaabilika Diimokiraatawaa Koongoo irraa gabaasaa jiru.

Leave a Reply