• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Kaaba Shaggar aanaalee adda addaatti ergamtootni faashistii PP gubaatii manneenii, saamichaa fi reebicha raawwatan

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 7, 2024

Afaaniin nagaa faarsaa faallaa isaa immoo uummata Oromootti farra nageenyaa ta’ee kan jiru murni Bilxiginnaa dargaggoota abdii borii  ajjeesuu, qabeenya guutuu meeshaalee waliin gubuu fi reebicha hamaa ta’een uummata nagaatti jireenya hadheessee jira.

Haaluma kanaan Adoolessa 6, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Orgooggoo Luuxuu keessatti waraanni impaayeera Itoophiyaa mana Obbo Abbabee Galeessaa qabeenya guutuu waliin mana jalaa gubuun akka barbadeesssantu himama.

Manneen gubee kan hin dhiisne waraanni impaayera Itoophiyaa kun nama Obbo Dabalee Turaa jadhamu jalaa loon 3 yoo fudhatu, re’oota 8’tis jalaa ooffachuun uummata qaala’iinsa jireenyaan rakkataa jiru ittumaa rakkoo itti dabalee hiraarsaa jira. 

Haadha manaa Obbo Dabalee Turaas qabanii saalfii tokko malee reebicha hamaa ta’e akka irratti raawwatan jiraattonni naannoo sanaa ijaan argan himu.

Kaabuma Shaggar magaalaa Fiichee ganda torban Ashee jedhamutti qeerroo 3 kan maqaan isaanii Lammaa Damissee, Tolasaa Getaachoo fi Fiqaaduu Baqqalee jedhaman ajjeesuun bakkeetti gatanii awwalcha akka dhorkatanis  jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply