• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Oromiyaatti maatiin qabsaa’otaa waraana maafi’aa PP’n hidhamuu fi hiraarfamni irratti jabaate

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 7, 2024

Godina Baha Harargee ona Qarsaa Langeey ganda Yaayyaa bakka addaa Bortee, ganda Jalaa fi Babaa jedhamutti maatii qabsaa’otaan ilmaan keessan miseensota waraana Bilisummaa Oromoo ta’an galchaa jechuun lukkeeleen bilxiginnaa dirqisiisaa jiraachuu jiraatonni dubbatu

Jiraataan ona Qarsaa Langeey ONM’f yaada isaa qoode akka himetti maatiin qabsaa’otaa sababa ilmaan isaanii WBO keessaa baasanii dhiyeessuu dadhabaniif, ilmaan isaanii miseensota WBO ta’an akka waan du’anitti hunduu gadda taa’uu qaba jechuun dirqiin teessisaa jiraachuus hime.

Maatiin dirqamaan gadda ta’aa jirus sangaa qalee, dunkaana gaddaa dhaabee, sirna awwaalchaas guutummaatti fakkeessiin akka geggeessan dirqisiifamuun, abbootiin amantaas, bakka awwaalchaatti kadhannaa akka taasisan dirqamsiifamaa jiraachuu dabaluun ONM’tti himaniiru.

Abbootiin amantaa sheekonni, nama jiruuf sirna awwaalchaa raawwachuu amantaan keenya hin heyyamu jechuun didanis reebicha ulfaataa irraan ga’uun hidhanii hiraarsaa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, namoota haala kanaaf saaxilaman keessaa Sheek Abdullaxiif Umar Abdullaa rakkoo jabaa keessa jiru jedhan.

Dabalataanis maatiin qabsaa’otaa fi abbootiin amantaa hidhamanii jiran maqaan isaanii;- Abdullaxiif Ahimad Hasan jaarsa biyyaa nama ganna 55, Bayyaan, Abdullaziiz Jamaal, Toofiqee Indiriis, Hajii Idiinaa, Taajir Shaafii, Jaabir Ibraahim, Abdallaa Muummee, haadha umurii 65 kan taate  ilma keef boo’i jedhanii kan hidhan Aadde Meymuunaa Indiriis haala hamaa keessa jiraachuun beekameera.

Maanguddoo maqaan isaanii Obbo Adam Yuuyyaa Baarentoo  jedhaman erga qabanii hidhanii dararaa irraan ga’aa jiraachuu fi qabeenyaa isaanii loonii fi Jimaa qarshii 15,000 saamuus jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply