• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Arsii Bahaa  keessatti gubaatii manneenii fi saamicha dabalatee sarbamiinsi mirgoota namoomaa jabaatee itti fufee jira jedhu jiraattonni

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 7, 2024 

Godina Arsii Bahaa aanaalee garaa garaa keessatti sirni abbaa irree uummata nagaan hawaasummaa isaa geggeeffatee jiraatu badii tokko malee manneen isaanii jumlaan jalaa  gubuu fi qabeenya saamuun hammaatee itti fufee jira. 

Guyyaa kaleessaa jechuun Adoolessa 6, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Heellaa Akiyaa jedhamtu keessatti manneen namoota hedduu gubuu fi qabeenya saamuun dhagaa’amee jira.

Maqaan namoota manneen jalaa gubatee: 

  1. Rijaal Suudii Aliyyii
  2. Jamaal Muhaammad Hamdaa
  3. Saadiqoo Jamaal Safaan
  4. Raadoo Boruu Roobaa
  5. Gannoo Amaan Ayaannoo
  6. Ashiyaa Bariisoo Abdii
  7. Hasan Hasii Guutoo
  8. Kamaal Huseen Hajii
  9. Jamaal Mahaammad Karimoo
  10. Xahiir Huseen Gadaa
  11. Amaan Huseen Gadaa   
  12. Huseen Hajii Guutoo
  13. Mahaammad Huseen Hajii
  14. Mahaammad Safannoo Waqayyoo
  15. Nasiriyaa Kennoo Gadaa fi 
  16. Mahaammad Huseen Gadaa  

jedhaman jalaa gubuun  qabeenya isaanii hedduu guurrachuu fi garii isaa immoo caccabsanii hojiin ala godhanii  jiraachuu jiraattotni gandichaa dabaluun ibsaniiru.

Kana malees kaleessa Adoolessa 6,2024  aanaa Asakoo ganda Kaakuraa jedhamtu keessatti manneen hawaasa nagaa gubuu fi hawaasa mana keessaa baqachiisuun loltoota  sirnichaan geggeeffamaa ooleera.

Guyyaa dheengaddaa Adoolessa 5, 2024 waraanni Abiy Ahimed   aanaa Asakoo ganda Dirree Odaa irraa kaasanii hanga ganda Biyyootti gubaa ooluu fi qabeenya hedduu saamuun reebicha hammana hin jedhamne hawaasa nagaa irratti geggeessaniiru.

Haaluma kanaan Adoleessa 6, 2024 aanaadhuma Asakoo ganda Dirree Odaa iddoo addaa Kaakuraa jedhamu keessatti loltoonni maafi’aa PP haadha hiyyeessaa boochisaa ooluu fi kan dureessaa immoo qabeenya isaanii guutuu ibiddaan barbadeessuun garii isaa immoo fudhatanii galaniiru.

Humni uummata isaa akka alagaatti weeraruun bartee itti ta’e bilxiginnaan aanicha keessaa mana namootaa jumlaan guban keessaa kan maqaan nu qaqqabe:

  1. Mahaammad Gadaa
  2. Sanii Tunnee 
  3. Galguu Elemoo
  4. Sulxaan Gadaa ta’uun barameera.

Godinichuma Arsii Bahaa aanaa Jajuu keessattis Adooolessa 4, 2024 barattootni barumsa irraa deebi’uun waqtii gannaa kanatti maatii isaanii hojii garaa garaan gargaaran WBO waliin hidhata qabdu jedhamuun namoota maqaan isaanii Muhaammad Nuur Haajii fi Mu’aaz Suuduu jedhaman hidhanii hiraarsaa aka jiranis dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply