ONM-ABO Adoolessa 7, 2024
Namoota nagaa ilaalcha isaan hin qabneen yakkuun lubbuu deebii hin qabne akkuma salphaatti balleessaa kan jiran loltoonni koloneel Abiy Ahimed irraa ajaja fudhatanii socho’an uummatichi maal na godhaa fi akkan barbaadettin afaan qawween bulcha jechuun har’a Oromiyaa keessatti lubbuu qaalii dabarsaa oolu.
Guyyaa kaleessaa jechuun Adooolessa 6, 2024 godina Gujii Lixaa aanaa Abayyaa ganda Ladoo jedhamu keessatti waraanni sirnichaa raayyaa ittisa impaayerattii jedhaman nama nagaa maqaa WBO waliin walitti dhufeenya qabdaatiin ragaa qabatamaa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattotni gandichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattotni kunneen jedhanitti namni kun sabboonummaa waan qabuuf jecha ajjeesan malee hidhata WBO akka hin qabne ibsuun, sirnicha biratti namni hawaasa isaa keessatti jaallatamummaa qabu adamfamuun ajjeefamaa akka jirus dabaluun ONM’tti himaniiru.



