• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbiitti hidhaan maatii qabsaa’otaa irratti yoo jabaatu,  manneen jiraattotaas diigamuun cimee itti fufe

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 7, 2024

Godina Lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Gimbiitti uummata magaalichaa waraanni faashistii PP manneen isaanii irraa ari’uun, garee Finxaaleeyyii Amaaraa qubsiisaa jiraachuu jiraattonni kan himan yoo ta’u, abbootiin manichaa qaamolee seeraa warreen jedhamanitti ogguu himan, maaltu isin galche jechuun isin ajjeesnaan doorsisaa jiraachuun beekameera.

Gochi hammeenyaa kun irra caalmaatti bulchiinsa magaalaa Gimbii ganda 02 bakka addaa hoteela Giraandii fuula duratti kan argamu manneen jiraattotaa hunda diiguun leellistoonni sanyii Minilik  akka ijaarratan gochuuf haal-duree xumuruuun himameera.

Kana malees namoota maqaa isaanii Girmaa Asfa’uu, Tasfaa Gurmeessaa Fayyisaa Taayyee fi kanneen biroo hedduun ganda 04’tti torban lamaa oliif hidhamanii dararamaa jiraachuun beekameera

Dabalataanis obbo Taammanee Garbaa fi Obbo Geetachoo Balaayiin ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun hidhanii dararaa kan jiran yoo ta’u, akka walii galaatti magaalaa Gimbiitti hidhaan maatii qabsaa’otaa irratti akka malee hammaatee jiraachuus maddeen keenya ONM’tti himan.

Leave a Reply