• Thu. Nov 26th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti saamichii fi gubaatiin manneen namoota nagaa irratti loltoota koloneel Abiy Ahimediin raawwatame

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 7, 2024

Yakki waraanaa uummata Oromoo irratti bifa garaa garaan adeemaa jiru uummaticha yaaddoo nageenyaa itti uumuun sadarkaa abdii kutachiisuu bira darbee uummanni bakkeewwan hedduutti sadarkaa ofiin of ajjeesuu irra ga’ee jira.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Adooolessa 5, 2024 hidhattoota sirnichaa maqaa sakkattaa WBO jedhu qabata godhachuun Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Kilbee keessatti bobbaafamaniin saamichi qabeenyaa fi gubaatiin manneenii raawwatamuu jiraattotni ONM’tti himan.

Guyyaa dheengaddaa Adooolessa 5, 2024 Namoonni qabeenyi isaanii saamamee fi gubate kunneenis maqaan isaanii; Mulee Abdiisaa jalaa sangaa tokkoof farda tokko, Baatiruu Magarsaa jalaa sangaa tokkoof farda tokko akkasumas, Warquu Hirphee jalaa mana jireenyaa mi’a mana keessaa waliin jalaa gubanii barbaadeessuu jiraataan gandichaa tokko ONM’f himeera.

Akka jiraataan kun jedhetti maqaa deggartoota WBO’ti jedhamuun namoonni hedduun akka aanichaatti baatii tokkoo as mana hidhaatti guuramuu, qabeenyi saamamuu fi lubbuun namaa guyyaa irraa gara guyyaatti akka saree maratuutti adamfamuun obba’aa oolas jedheera.

Leave a Reply