• Tue. Nov 24th, 2026

Hooggantoonni Sa’uudii fi addunyaa pirezidaantii haaraa Iraaniin baga gammaddan jedhan

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 7, 2024

Mootiin Sa’uudii Salmaan fi mootiin gonfoo Mohaammad bin Salmaan Masuud Pezeshikiyan pirezidaantii Iraan ta’uun filatamuu isaaniitiin baga gammaddan jechuu dhaabbati oduu mootummaa SPA gabaaseera.

Kaadhimamaan haaromsaa Maasuud Pezeshkiyaan filannoo pirezidaantii Iraan marsaa lammaffaa gaggeeffameen injifachuun, qoqqobbii  fi mormii waggootaaf Rippabilika Islaamaa micciireen booda biyyoota Dhihaa dhaqqabuu fi seera dirqama mataa haguuguu biyyattii irratti raawwachiisummaa salphisuuf waadaa galuun nama cimaa Sayeed Jaliilii injifate.

Mootiin Salmaan ergaa Pezeshikiyan’f erganiin, “hariiroon biyyoota keenya lamaanii fi ummatoota obbolaa keenya lamaan walitti hidhu itti fufiinsaan akka guddatu” gochuu irratti abdii qaban ibsaniiru jedha SPA.

Pirezidaantiin Siiriyaa Bashar Asaad, kan Teehiraan michuu olaanaa isaaniif taate, Sanbata kaleessaa pirezidaantii filatamaa haaromsaa Iraan baga gammaddan jechuun, fedhii hariiroo Tehran waliin qaban jabeessuu cimsanii dubbataniiru.

Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin ergaa baga gammaddan jedhuun Rippabiliika Islaamaa waliin hariiroo cimaa akka qabaatan lakkaa’aa akka jiran ibsaniiru.

Puutiin ergaa Pezeshkiyaniif dabarseen, “Yeroon pirezidaantii ta’uun keessan tumsa ijaarsaa biyyoota lamaanii ummatoota michoota keenya gidduu jiru cimsuuf gumaacha akka taasisu abdiin qaba” jedhan.

Pirezidaantiin Chaayinaa Shiin Jinping filannoo prezidaantummaa lammaffaa irrattis Pezeshkiyaan injifannoo argachuu isaaniitiin baga gammaddan jedhan.

Muummichi ministeeraa Hindii Naareendiraa Moodiin Pezeshkiyaan injifannoo isaaniif baga gammaddan jedhan.

“Hariiroo ho’aa fi yeroo dheeraa kan biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf isin waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf hawwii guddaan eegganna,” jechuun Arabs news gabaaseera.

Leave a Reply