ONM-ABO Adoolessa 6, 2024
Waraanni garee faashistii PP dargaggoota Oromoo fedhii isaanii malee dirqamaan adamsanii qabuun “impaayera keenyaaf loli” jedhanii gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa kan jiran yoo ta’u, godina Lixa Wallaggaa ona Gullisoo irraa dargaggoota humnaan dirqisiisanii guuruun, warra dide immoo hidhanii kaan rukutanii madeessaa jiraachuun ibsameera.
Waxabajjii 29, 2024 jalee fi ergamtoonni sirnichaa dargaggoota humnaan qabuuf osoo barbaadaa jiranii, dargaggoo maqaan isaa Guutamaa Abarraa jedhamu jiraataa ganda Gaalloo Guutee kan ta’e magaalaa Gullisoo deemnaan rasaasaan miilla isaa keessa dhahanii erga qabanii booda, baatanii mana hidhaa geessuun madoo qaamaa ulfaataa ta’een Waajjira Poolisii ona Gullisootti hidhanii dararaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Dargaggoota lakkoofsaan hedduu ta’an ukkaamsuun humnaan dirqisiisanii leenjii leenjisaa kan jiran yoo ta’u, namoota maqaan isaanii:
- Malkaamuu Magarsaa,
- Waasihuun Abdoo,
- Nagaa Taakkalaa,
- Gazzaany Fiqaaduu,
- Abbushaa Taakkalaa,
- Iddoosaa Magarsaa fi kanneen biroo hedduu ta’an Waxabajjii 25,2024 humnaan qabuun leenjisaa jiraachuu maddeen keenya eeran.
Mana tokko keessaa dargaggoota 2-3 fuudhanii leenjisaa kan jiranii fi mooraa waraanaa magaalichaa keessatti barumsa waraanaa kennaafii jiraachuunis ifoomeera.
Magaalichatti dhiibbaan mirga namoomaa garmalee kan hammaate yommuu ta’u, namoota maqaan isaanii:
- Alamuu – milishaa PP
- Ayyaanaa -milishaa PP
- Biqiltuu Margaa
- Fiqiruu fi
- Joorbee kanneen jedhaman uummata nagaan qe’ee isaa irra jiraatu sobaan basaasuun qabsiisanii dararaa hammaataa ta’e uummata irratti raawwachiisaa jiraachuu itti dabaluun maddeen keenya ONM’f eeraniiru.




