• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Harargee keessatti uummanni Oromoo sirnichi dinagdee keenyarratti dhiibbaa taasisaa jira jechuun komii qaban ibsan

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 6, 2024

Sirni lolaan WBO dadhabee uummata hiraarsu bilxiginnaan, maqaa caasaa isaanii balleessina jedhuun uummata nagaa hidhuu, reebuu, ajjeesuu fi saamaa kan jiran malee karaa dinagdee isaanii kuffisuun hiyyummaatti jilbeenfachiisuuf bakkoota cufatti hojii farrummaa isaa hojjechaa jira.

Akkuma kanaan Baha Harargee  aanotaa fi magaalota kanneen akka aanaa Gooroo Guutuu, Maggalee, Addeellee, Calanqoo, Qobboo, Langeey, Qulluubbii fi Haramaayaa keessatti erga Jimaan gara biyyoota ollaatti akka hin geejjibamne erga waggaa lamaan dura dhorkanii dinagdeen hawaasa kanaa balaaf saaxilamuun dinagdeen kufanii dhiphina jireenyaa hamaa keessa galanii rakkachaa akka jiran himu jiraattotni.

Uummani Baha Harargee  jireenyi isaanii jimaa dhaabuu fi daldaluu irratti kan hirkatee jiru ta’us, gabaan ala godhanii gatii jalaa kan cabsaniin alattis   akka balleessitan jechuun doorsisaa jiru. Gandarraa gara magaalaa naannoo isaaniitti gurgurachuuf yoo imalanis jimaa 1kg tokko irratti qarshii digdamii shan kan harkaa fuudhan yoo ta’u, erga magaalaa seenanii immoo bakka Jimaan itti gurguramu dhaabbachuun naga’ee tokko malee jimaa qarshii kuma tokkoon yoo wal irraa bitan inni bites inni gurgures gama lamaan qarshii dhibba sadi sadii walumatti kuma tokko keessaa  dhibba jaha kaffalchiisuun uummata dhiiga boochisaa jiru.

Sababa kanaanis jireenyi hawaasaa gadadoo ta’uu irraan kan ka’e komee gibiraa fi maallaqa seeraan alaa isaan irra ga’aa jiru bulchitoota bilxiginnaatti himatanis ifannaa fi doorsisa malee deebii sirrii argachaa akka hin jirre komee qaban Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Leave a Reply