• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Arsii Bahaa keessatti gubaatii manneenii fi saamicha dabalatee sarbamiinsi mirgoota namoomaa jabaatee itti fufe jedhu jiraattotni

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 6, 2024

Sirni abbaa irree hawaasa jireenya isaa nagaan geggeefatee jiraatu badii tokko malee qabeenya isaanii saamaa fi ibiddaan irraa barbadeessuun akkaataa uummatichi irraa dandamachuu hin dandeenyeen miidhaa hawaasdinagdee irraan ga’aa jira.

Guyyaa kaleessaa Adoleessaa 5, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Asakoo ganda Dirree Odaa keessatti manneen hawaasa nagaa 3 gubuu fi re’oota hedduu qalachuun hawaasa  qe’ee  keessaa baqachiisanii turan.

Namoonni manneen isaanii jalaa gubatee fi saamichi irratti raawwatame maqaan isaanii;

1. Badhaasoo Tunnee

2. Gabii Galtuu fi 

3. Abbabuu Huseen kanneen jedhaman jalaa qabeenyaa tokko osoo hin baafatin mi’a mana guutuu wajjin   barbadeessanii jiru.

Kana malees godinichuma aanaa Martii araddaa Dilebaa keessatti guyyaa dheengaddaa Adooolessa 4, 2024 waraanni maafiyaan PP uummata nagaa irraa uffata halkanii fi guyyaa akkasumas maallaqaa fi  meeshaalee mana keessaa itti fayyadaman guutuu isaa jalaa  saamanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun   Roobii darbe Adoolessa 3, 2024  aanaa Gunaa ganda Ciree Aanolee keessatti nama tokko maqaa fuula haaraa jedhuun hidhanii dararaa akka jiranis dabaluun ibsaniiru.

Akka maddeen keenya adeessanitti namni kun dhalataa godina Arsii Bahaa aanaa Martii kan ta’e nama maqaan isaa Tamaan Rubbee Xahir jedhamu yoo ta’u, badii tokko malee maal barbaacha aanaa kana seente jechuun reebicha hedduu  irraan ga’anii jiraachuus jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Leave a Reply