• Wed. Nov 18th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii keessatti raayyaan ittisa Impaayeerattii 3 WBO’tti harka kennatan

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 6, 2024

Miseensonni raayyaa ittisa Impaayeerattii sabaan Oromoo ta’an yeroo ammaa kana  qabsoo bilisummaa Oromoo WBO’n gaggeessu waan isaan hawwatee fi hojii sirni bilxiginnaa hojjechaa oolu waan isaan jibbisiiseef sirna Impaayeerattii keessatti gadadoo saffisiisaa jiru kana ganuun gooticha Waraana  Bilisummaa Oromootti makamuu itti fafaniiru.

Haaluma kanaanis Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii keessatti kaleessa Adoolessa 5, 2024 miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii sabaan Oromoo ta’an 3 sirna Bilxiginnaa hojiin isaa balfamaa ta’e jibbuun gara qabsoo saba isaaniitti makamaniiru.

Miseensonni raayyaa ittisa Impaayerattii kunneen meeshaalee bilxiginnaan akka ilmaan Oromoo ittin ajjeesaniif itti hidhe qawwee AKM 2 fi meeshaa guddaa isnaaperii 1 qabatanii dhufuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo yoo gabbisan mooraan diinaa  immoo akka haphatu tolchaniiru.

Gochaaleen sirni mootii kun isaan hojjechiisaa ture kan isaan hin quufsinee fi isaan hin mararre loltoonni faashistii  PP, bulchiinsi Abiy Ahimed sanyii duguugaa ta’uu isaa hubachuun  gara qabsoo saba isaaniitti akka makaman  dubbatu.

Loltoonni kunneen akka jedhanitti mooraa Waraanaa Bilxiginnaa keessatti ija shakkiin wal ilaaluun kan guutee fi ilmaan Oromoo akkasumas saboonni cunqurfamoon hiree Oromoon wal fakkaatu qaban baay’een sirnicha ganuuf akka qophii irra jiranis himaniiru.

Dabalataanis loltoonni kunneen nagaan WBO bira gahuutti baay’ee gammaduun ilmaan Oromoo qawwee diinaa baatanii lola isaan hin ilaallanne irratti du’aa jiraniif akka gara qabsoo bilisummaa saba isaanii dhufaniif dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Leave a Reply