ONM-ABO Adoolessa 7, 2024
Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa baadiyyaa fi magaalaa keessatti namoonni tilmaamaan miliyoona 4.5 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uu Waajjirri Qindoomina Dhimmoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii (UN OCHA)’n ibseera.
Buqqaatonni kunneen baayyinaan biyya Afrikaa Bahaa naannoo Somaalee, Oromiyaa fi Tigraay keessa akka jiran UNOCHA’n, ilaalcha waliigalaa buqqa’iinsa keessoo Itoophiyaa Kamisa galgala baaseen beeksiseera.
Ragaan UNOCHA irraa argame akka agarsiisutti buqqa’iinsi kun harki caalaan isaa walitti bu’iinsa irraa kan ka’e yoo ta’u, kunis bara 2021’tti olka’iinsa guddaa qabateera.
Buqqaatonni biyya keessaa (IDP) gara dhibbeentaa 56 kan ta’an waggaa tokkoo ol kan buqqa’an yoo ta’u, dhibbeentaan 23 ammoo buqqa’anii waggaa lamaa hanga waggaa afur ga’uu ibsa.
Madaalliin akka agarsiisutti, buqqaatonni baay’een isaanii, keessumaa kanneen haala buqqa’iinsa yeroo dheeraa keessa jiraatan, akka deebi’an, bakka biraatti akka jijjiiran ykn naannootti akka makaman gargaaramuu danda’u jedhan.
Amajjii bara 2022 irraa eegalee buqqaatonni gara miliyoona 3.3 ta’an gara naannoo ka’umsa isaaniitti deebi’aniiru.
“Haa ta’u malee, buqqa’iinsa naannolee hedduu keessatti itti fufee jiruun, har’a lakkoofsi namoota buqqa’anii miiliyoona 4.5 ta’eera,” jedheera.
Naayijeeriyaatti aantee gara miliyoona 126.5 qabaattee Afrikaa keessatti baay’ina ummataan sadarkaa lammaffaa kan qabdu Itoophiyaan waggoota dhiyoo asitti jeequmsa hawaasa gidduutti uumamu dabalatee balaawwan namtolchee fi uumamaa irra deddeebiin keessatti mul’ateera jechuun Shinuwaan gabaaseera.
Haa ta’u malee buqqaatii deebisuun bakkoota tokko tokkotti faayidaa siyaasaaf hojii irra ooluu irra kan hafe iddoowwan hedduutti uummatni osoo hin deebine dararaa argaa jiraachuu fi har’as baadiyyaa irraa manneen isaanii gubuunii fi bakka kan gadhiisan waraana bilxiginnaan kanneen buqqa’an lakkoofsaan hedduu ta’uus gabaasa kana keessatti hin haammatamne.




