ONM-ABO Adoolessa 7, 2024
Qondaala Waraana PP keessatti Ajajaa Shantamaa kan ta’e namni maqaan isaa Saadoo Najiibii jedhamu kaleessa Adooolessa 6, 2024 godina Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruu ganda Siree Buqqii mooraa diinaa magaalaa Buuphoo irraa qawwee AKM 1, Boombii 2 fi rasaasa 285 waliin mooraa diinaa jalaa miliquun gara mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo Zoonii Madda Albuudaa Cibraa Laga Dambiitti nagaan makamee jira.
Miseensa Waraana PP kanaanis “Waamicha Waraanni Bilisummaa Oromoo miseensota waraana PP keessa jiraniif taasisaa ture hordofuun haala aanja’aa eeggattee duguuggaa sanyummaa PP’n Oromiyaa keessatti Oromoo cabsuuf taasisaa jirtu keessaa qooda fudhachuu lagachuun seenaa xuraawwaa irraa gara seenaa gaarii sabaaf hojjatanii darbuutti dhufuu keetiif gammanneera, baga nagaan dhufte” jechuun karaa WBO simannaan kan godhameef yoo ta’u, miseensi waraana bilxiginnaa duraanii Ajajaan Shantamaa Saadoon, miseensotni waraana PP biroo kan quuqama Oromummaa qaban fakkeenya kiyya irraa baruun gara waamicha harmee Oromiyaa baraaruu fi seenaa keessan jijjiiruutti akka dhuftan jechuun dhaamsa isaa dabarseeraaf.

