• Tue. Nov 24th, 2026

Walitti bu’iinsi Sudaan naannoo Sennaar keessatti ta’aa jiru rakkoo namoomaa hammeesse jedha OCHA’n

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 6, 2024

Walitti bu’iinsi Sudaan keessatti deemaa jiru kun naannoo Sennar keessatti rakkoo namoomaa hammaataa jiraachuu ejensiin Dhimma Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii (OCHA) akeekkachiise.

Mul’anni kun kan ba’e gareen  Mootummoota Gamtoomanii giddugala simannaa hedduu Gedaref keessatti erga daawwatee booda yoo ta’u, maatiin buqqa’an walitti bu’iinsa Sennar keessatti uumameen  gaaddisa barbaadaa jiru.   

”Gareen kun akka gabaasetti namoonni baay’inaan dhufuu itti fufaniiru. Daa’immanii fi maanguddoonni namoota haala baay’ee rakkisaa ta’een dhufan jedhe. Waajjirichi dhaabbilee  Mootummoota Gamtoomanii biroo fi michoota keenya waliin ta’uun gargaarsa namoomaa murteessaa ta’e kennuuf hojjechaa jira,” jechuun dubbi himaan barreessaa olaanaa  Mootummoota Gamtoomanii Isteefan Dujaariik gaazexeessitootaaf ibsaniiru.

Akkasumas, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti  UNICEF masjiidni El Fashar bakka nyaanni gargaarsaa itti raabsamaa ture tokko dirooniin haleelamee daa’imman saddeet erga ajjeesee booda yaaddoo isaa ibseera.

”Masjiidni kun daa’imman saaxilamoo ta’anii fi maatii isaaniif nyaata dhiyeessaa kan ture yoo ta’u, bakka nageenya qabu akka hin taane ifaadha.  Sudaan fi bakka biraatti ajjeechaan ijoollee  itti gaafatamummaa malee raawwatamu xumuramuu qaba,” jechuun Dujarric hubachiisaniiru.

Gama biraatiin OCHA’n itti dabaluudhaan karaan dhiyeessii murteessaan addaan cituu akka danda’u, gargaarsi namoomaa buufata galaanaa Sudaan irraa gara Bahaatti darbuu dhaabuu akka danda’u yaaddoo guddaa akka qabu ibseera.

“Hoongeen akka dhufu irra deebi’uun ni ibsina, gargaarsi lubbuu baraaru sarara waldhabdee qaxxaamuree fi daangaa qaxxaamuree itti fufsiisuun dirqama,” jechuun Dujarric cimsanii dubbataniiru.

Bara darbe walakkeessa baatii Ebla keessa Sudaan keessatti waraana Sudaan fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) gidduutti waldhabdeen uumamee as namoonni miliyoona 8 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru jechuun Sudan Tribune gabaaseera.

Leave a Reply