• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti loltoota sirnichaan jiraattota irratti hidhaa fi saamichi hammaate

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 6, 2024

Sirni Oromummaa hadheeffatee mormu loltoota isaa baadiyyaa Oromiyaatti bobbaasuun duula duguuggaa sanyii ilmaan qotee bulaa Oromoo irratti labsuun manaa gadi baasee badii tokko malee dararaa hamaa irraan gahaa kan jiru yoo ta’u, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti jiraattota hidhuu fi saamuu jabeessanii jiru.

Ona Jimmaa Gannatii ganda Hundee Guddinaa jedhamu irraa Waxabajjii 22, 2024 namootni maqaan isaanii:

  1. Hundumaa Gaanfuree
  2. Barsiisaa Geetuu Taakkalaa
  3. Geetuu Bashanaa
  4. Jambaree Xannaa
  5. Malaakuu Balaay 

jedhaman sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun hidhamanii hiraarfama ulfaataa argaa kan jiran yoo ta’u, hanga ammaatti osoo hin gadhiifamin jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.

Kana malees, nama maqaan isaa Obbo Nagaasaa Baashaa jedhamu jalaa horii 33 fi boqqolloo ardaba 75 jalaa fudhachuun konkolaataatti fe’atanii deemuu dabaluun himaniiru.

Leave a Reply