ONM-ABO Adoolessa 6, 2024
Sirni duguggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwaachaa jiru bilxiginnaan, karaa ittiin lammii isaa miidhu guyyaa guyyaatti baasuun uummata nagaa dhorkachuun, jaalala aangoof qabaniif yeroo carraaqanitti, fedhii isaanii guuttachuuf ammoo lubbuu hedduu galaafachaa fi qe’ee namoota baay’ee onsuun uummaticha gadadootti kuffisanii jiru.
Akkuma kanaan Adoolessa 3, 2024 uummanni Magaalaa Adaamaa kutaa bulchiinsa Bokkuu Shananii onoota haarawaa hundeeffaman ona Haroorettii fi ona Torban Oboo keessatti maqaa “Star City”jedhuun manneen namootaa diigaa jiran ilaalchisee fincilli dho’uu isaa irratti waraanni sirnichaa itti bobba’uun dubartii ulfa ji’a sagalii dabalatee namoota torbaa ol rukutuu isaanii gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.
Gochi sirna badii kanaan raawwatamaa jiru kun jabaatee itti fufuun namoonni guyyaa kana daandiitti bahan rasaasaan gaaffii tokko malee kan waadaman kudhan guutanii jiraachuu himu.
Jiraataan magaalichaa maqaan isaa akka dha’amu hin feene tokko akka jedhetti dubartii ulfaa duute malee shammaran tokkoo fi dhiirri tokko rasaasni keessatti hafuun madoo ulfaataan yaala olaanaaf darbanii jiru, midhamtootni kunis yeroo gabaasni kun qindaa’etti kutaa baqaqsanii yaaluutti argamu jechuun Adoolessa 4, 2024 ammoo reeffi nama tokkoo hospitaalichaa ba’ee jiraachuu ibsee jira.
Sirnchi dhiibbaa uummata irratti raawwaachaa jiru, gocha isaa itti fufuun manneen namoota nagaa, warreen mormii kaasan har’as reebichaa fi hidhaan adabuun namoota hedduu qaama hir’uu taasisaa jiraachuu ONM’f ibsee jira.

