ONM-ABO Adoolessa 6, 2024
Qabsoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi qabsaa’otni waggoota dheeraaf godhaa turaniin injifannoo argame butuun, abbootiin garaa sirna EPRDF’f hojjechaa turan maqaa jijjiirama qabsoon erga aangootti ol ba’aniis, farrummaa hojjechuu jabeessuun saba irraa dhalatan hiraarsuu jabeessaniiru.
Kaayyoon Qabsoo Bilisummaa Oromoo impaayeera Itoophiyaa diigee Oromiyaa walaboomte sirna dimookiraasiitti ceesisuuf kan ture yoo ta’u, bilxiginnaan garuu qabsoo hatuun abbaa irrummaa isaa jabeessee namoota jumlaan qabee hidhee hiraarsuu, ajjeesuu fi umurii malee adda waraanaatti guuruun lubbuu isaaniin barcuma isaanii tikfachuuf hojiin isaan hojjetan jabaatee jira.
Ona Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Angar irraa namoonni Adoolessa 2, 2024 leenjii milishummaaf guuraman maqaan isaanii:
1. Obbo Huseen Ashaan (abbaa ijoollee 4),
2. Obbo Jamaal Xa’aa (abbaa ijoollee 5),
3. Nahiraa Huseen,
4. Habtaamuu Bal’inaa (abbaa ijoollee 4),
5. Mitikkuu Mokkonnon,
6. Addunyaa Kashoo,
7. Amaanu’eel Badhaasaa fi
8. Mammaadoo Kamaaloo (abbaa ijoollee 4)
waraanni faashistii PP ganamaan naannoo isaanii buluun dirqamaan leenjii milishummaa akka fudhataniif qabuu jiraattonni onichaa ONM’tti himaniiru.


