ONM-ABO Adoolessa 6, 2024
Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon murna bilxiginnaan hidhachiifamuun safuu, duudhaa fi eenyummaa uummata Oromoo dhabamsiisuuf halkanii guyyaa carraaqan, gochoota badii isaanii kanneen akka ajjeechaa, madoo, mancaatii qabeenyaa fi saamicha raawwatan itti fufuun qe’ee saba guddaatti gaddaa fi gadadoo uwwisaa jiru.
Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Adoolessa 3, 2024 bakka addaa Randooyyee jedhamutti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon dhukaasa namoota nagaa irratti bananiin namoota lama yoo ajjeesan tokko madeessuun qabeenyaa uummataas saamuu jiraataan gandicha irraa ONM dubbise tokko ibse.
Namoonni nagaan hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa akeeka sirna moofaa bakkatti deebisuu qabatanii socho’aa jiran kanaan ajjeefamanis maqaan isaanii Habiib Hasan fi Awwaluu Huseen Hasanuu kan jedhaman yoo ta’an, Usmaan Umar ammoo madoo cimaaf saaxilameera.
Hidhattootni kunneen guyyuma ajjeechaa fi madoo namoota nagaa irratti raawwatan kana qabeenyaa jiraattotaa miliyoonaan tilmaamamu saamanii akka deeman dabaluun addeesseera.
Humnootni Finxaaleeyyii Amaaraa kun Oromoota Walloo irratti ajjeechaa suukkanneessaa, madeessuu, saamicha qabeenyaa fi gubaatii manneenii irratti raawwachuun daa’imman abbaa malee hambisaa, maatii hedduu qe’ee irraa buqqisaa fi mana maleessa taasisuun rakkoo hamtuu keessatti akka kufan taasisanii jiru.


