• Tue. Nov 24th, 2026

WBO’n Lixa Harargee aanaa Gumbii Bordoddee fi Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti tarkaanfii fudhate

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 6, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo dheengadda Adoolessa 4, 2024 godina Lixa Harargee  aanaa Gumbii Bordoddee araddaa Saamaa iddoo Jajjabaa jedhamutti tiksitoota impaayera Itoophiyaa maqaa sakattaan bobbaate irratti tarkaanfii fudhateen 3 ajjeesee lama madeessuun bittinneessee of booda dachaasee jira.

Lola kanaanis waraanni Abiy Ahimed baqachuun galaa harcaastee kotte na baasiin ofirra deebitee jirti.

Kaleessa Adoolessa 5, 2024 ammoo Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gaagoo Osolee iddoo addaa Dhoqsaa jedhamutti tarkaanfii WBO’n waraana faashistii PP irratti fudhateen battalatti 2 irraa ajjeesee 6 madeesseera.

Irree fi gaachanni uummata Oromoo lola bilisummaa fi walabummaaf taasisu jabeessuun waraana Abiy Ahimed irratti bakka cufatti tarkaanfii fudhachuun kasaaraa namaa fi qabeenyaa irraan ga’aa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply