• Tue. Nov 24th, 2026

Dargaggeessi baajaaajii konkolaachishuun jiraatu tokko aanaa Wal-Maraa magaalaa Hoolataa irraa butamuun dhabamsiifamuu maddeen ONM’tti himan

Jul 8, 2024

ONM-ABO Adooolessa 8, 2024

Dhiibbaan siyaasaa impaayeera Itoophiyaa keessatti Oromoo irra ga’e kan laayyoo hin taane, baroota dhufaa darbaan uummanni guddaan akka gaanfa Afrikaatti aadaa fi duudhaa boonsaan beekamu, kabaja impaayerri Itoophiyaa irraa mulqiteen hiraarfamaa jiraata.

Dargaggoonni keessatti hojjetanii jijjiiramuu kan hin dandeenye, loltoonni akka feeteen aangoo dhiitanii bulchuu koloneel Abiy Ahimed irraa fudhachuun bobba’an namoota hacuucuu fi sodaachisanii geggeessuun  bartee itti ta’e Adooleessa 4, 2024 magaalaa Hoolotaa irraa dargaggoo maqaan isaa Yohaannis Simaa jedhamu qabanii dhabamsiisuun himame.

Dargaggoon Yohaannis kan inni itti dhalatee guddate godina Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo magaalaa Aannoo akka ta’e namoonni itti siqeenyaan beekan ONM’f kan himan ogguu ta’u, yakka hojjetes akka hin qabne dabaluun ONM’tti himaniiru 

Guyyaa butamee kaasee dargaggoon kun eessatti hidhamee akka jirullee kan hin beekamne yoo ta’u, maatii fi hiriyyoonni isaa hordoffii taasisaa jiraniin jiraa fi du’ee isaas akka hin beekne dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply