ONM-ABO Adooolessa 8, 2024
Sirni yeroo aangootti dhufe qorannu malee hin hiinu jedhee ture bilxiginnaan faallaa jecha isaatti argamuun gaaffii tokko malee hidhaa geggeessaa jiruun murtii seeraa malee namootni mana hidhaatti yeroo dheeraa dararaa arguun cinaatti mana hidhaatii ba’uuf maallaqa kaffalaa fi mana hidhaa baafamanii ajjeeffamaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan Baha Shaggar aanaa Lumee waajjira Poolisii bulchiinsa baadiyyaa Mojoo keessatti namoota akka Malkaa Guddinaa, Fiqiree Wadaajoo, Hayiluu Ifaa, Biraanuu Qachaa fi Yaa’ii Simaa jedhaman dabalatee namoota 60 ol hidhaa yeroo dheeraa murtii tokko malee hidhanii gidirsaa akka jiran ibsaniiru.
Namoonni hidhamanii jiran kun homaa tokko keessaa kan hin qabnee fi reebicha irratti raawwachaa jiran malee heddummaachuu irraan kan ka’e qulqullinni mana hidhichaa baduun, dhukkuba daddarbaaf saaxilamanii jiraachuus dabaluun ibsaniiru.
Namoota hidhamanii jiran kanaan guyyaa tokkotti qarshii 300 kaffalaatii mana qulqullina qabutti hidhamaa jechuun qarshii jedhame kana irraa fuudhaa jiraachuu fi namoonni maallaqa kana guyyaa tokkotti kaffalachuu hin dandeenye ammoo dhukkubaan du’aa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.












