• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Harargee ona Mi’eessootti maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayerattiin saamichi jiraattota irratti jabaachuun dhagaa’ame

Jul 8, 2024

ONM-ABO Adooolessa 8, 2024

Aanaan Mi’eessoo godina Lixa Harargee keessaa ishee tokko yoo taatu, uummanni onichaas araddaa isaa irra baroota dheeraaf kabajaa fi jaalalaan kan waliin jiraataa tureedha.

Haa ta’u malee yeroo ammaa sirni cubbuun bilxiginnaa erga aangootti dhufee kaasee hawaasni oomisha jimaan jiraatu, qabeenyaan isaa ugguramee dhiyeessiin Jimaa gara biyyoota ollaa deemu hanqachuun qaala’iinsi jireenyaa hawaasicha dararaa osoo jiruu, dabalataanis murni faashistii PP maqaa deggersa adda addaan hawaasa hiraarsuu jabeessee itti fufeera.

Bifuma kanaanis gandoota akka: Sheek Amat, Allii Qal’aa, Eloo, Nollee, Safaraa Meexxii, Borruu Cirraa, Kurfaa Jaartii, Galmoo fi Cirraacha jedhamutti saamichi maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayerattiin qarshii 500 – 800 jiraattota irraa guuramaa akka jiru  ONM’tti himaniiru.

Akka jiraataan ona Mi’eessoo ONM dubbise himetti namoonni adda durummaan jiraattota saamsisaa jiran maqaan isaanii: abbaa araddaa Ittisa Roorroo ganda Nollee  Obbo Mohaammad Ahimed Abdullaa  fi manaajera gandichaa nama Jamaal jedhamu akka ta’es itti dabaluun himeera.

Leave a Reply