ONM-ABO Adooolessa 8,2 024
Caasaan murna bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran aangoo namtokkee tiksuuf ajaja dabaa Koloneel Abiy Ahimed irraa fudhataniin ajjeechaa suukkanneessaa, saamicha qabeenyaa, hidhaa fi qe’ee saba guddaa onsuun Oromiyaa dirree ibiddaa godhanii gochoota badii isaanii raawwataniin qe’een namoota hedduu gaddaa fi gadadoon waxalamaa jira.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa Magaalaa Kamisee keessatti Kibxata darbe Adoolessa 5, 2024 bulchaan godina Walloo Obbo Ahimed Alii rakkoo nageenyaa murna bilxiginnaa jidduutti baatii tokkoo oliif uumamee tureen wal qabatee kan ajjeefaman yoo ta’u, sana irraa ka’uun wal shakkii, rifaatuu fi jeequmsi guddaan kan duraa caalaatti mooraa murna faashistii PP keessatti babaldhateen wal hidhuu, yaalii ajjeechaa walii isaanii irratti raawwachuu fi wal ukkaamsaa jiraachuu odeessi keessoo PP irraa ONM dhaqqabe ni addeessa.
Akka namni maqaan isaa akka dha’amu hin barbaanne kun jedhutti bulchaan godina keenyaa akka ajjeefamu isintu haala mijeesse, namoonni haala mijeessan, kallattii agarsiisan jedhamuun shakkaman baay’eedha garuu isaan irratti ajjeechaa hidhaa fi akka ukkaamfaman gochuu qabna, asiin booda wal amantaan hin jiru jechuun caasaaleen isaanii hidhaman keessaa itti gaafatamaa qorataa walii galaa Poolisii Mahaammad Abduu jedhamuu fi waardiyyaa Obbo Ahimed Alii kan maqaan isaa nu hin geenye tokko qabuun dhabamsiisaniiru jedha.
Sababa kanaanis konkolaataan Magaalaa Kamisee keessa seenuu fi ba’uu akka hin dandeenyee fi kan magaalicha keessa jirus akka hin sochoone gochuun akkuma godinichaatti maqaa sakkattaa jedhuun geejjibni konkolaataa kamuu akka hin deemne gochuun jiraattotni rakkoo argaa jiraachuu itti dabaluun dubbata.
Maagaaluma Kamisee keessatti Adoolessa 5, 2024 guyyama bulchaan kun ajjeefame hidhattootni sirnichaa halkan sa’a 6:00’tti mana jiraattootaa irra deemuun ulaa caccabsanii itti seenuun maallaqa saamuu, namoota argan cufa reebicha ulfaataa irratti raawwachuun hidhuu fi shamarran hedduu gudeeduun nama maqaan isaa Adam Ahimadee jedhamu ammoo halkanuma sana dhabamsiisaniiru jechuun yoo himu, yeroo ammaa rakkoon nageenyaa akkuma godina Wallootti ajjeechaa kanaan wal qabatee daran jabaatee jiraachuu fi uummanni nagaan jeequmsa mooraa isaanii keessatti uumameen dararaa hamtuu argaa jira jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.



