• Wed. Nov 25th, 2026

UK’n paakeejii gargaarsa waraanaa haaraa Yukireenif ifoomsite

Jul 8, 2024

ONM-ABO Adooolessa 8, 2024

Ministirri Ittisaa UK Joon Heelii Dilbata kaleessaa prezidaant Volodymyr Zelenskyy fi gita isaanii Yukireen Rustem Umerov waliin magaalaa buufata doonii kibbaa Odeessa keessatti wal arganiin booda paakeejii gargaarsa waraanaa haaraa Yukireeniif labsan.

Paakeejiin kun “qawwee meeshaa waraanaa dabalataa, rasaasa miliyoona afurtamaa fi misaa’ela sirrii Biriimistoon gara 100 ta’u” kan of keessatti hammate ta’uu ibsi mootummaa ni mul’isa.

Heeley “akkasumas deeggarsa waraanaa Ebla keessa Yukireenif waadaa galame guyyoota 100 itti aanan keessatti akka  saffisiisaan dhufuuf waadaa galeera.”

Daawwannaa isaanii kan Yukireen Guyyaa Humnoota Galaanaa waggaa waggaadhaan kabajuu wajjin wal simu irratti “waada cimaa Biriteen Yukireenif qabdu mootummaa haaraa Weestiminster keessatti argamuun akka deebi’ee jajjabaatu mirkaneessaniiru.”

”Jijjiiramni mootummaa jiraachuu mala, garuu UK’n Yukireeniif tokko taatee jirti,” jedhan Heeley.

“Akka barreessaa ittisaa haaraatti, dhiyeessii gargaarsa waraanaa barbaachisaa ta’e cimsuun deggarsa Biriteen akka deebifnee jabeessinu nan mirkaneessa,” jedhan.

“Uummata Yukireen waliin dhaabbachuuf kutannoon keenya guutuudha, akkasumas weerara Raashiyaa fuulduratti ba’uu fi Puutiin yakka waraanaa isaaf hordofuun murtoo keenya.

Itti dabaluudhaanis, “Mootummaan kun gargaarsa waraanaa dhiyeessuu itti fufuuf waadaa galle irratti cichee jira, hanga barbaachisutti hiriyoota keenya Yukireen waliin  wal qabannee ni dhaabbanna,” jedhan.

Paakeejiin haaraan kun rasaasa miliyoona afurtamaa kan ta’u rasaasa kaalibarii 50, misaa’ela farra taankii Biriimistoon 90, bidiruu waraanaa xixiqqoo hojii lagaa fi qarqara galaanaa deggaran 50, konkolaattota albuuda balleessuu 40, qawwee meeshaa waraanaa AS-90 10 fi buldoozaroota 61 kan of keessatti hammate ta’a.

UK’n bara kana Ebla keessa paakeejii gargaarsa waraanaa guddaa hanga ammaatti Yukireeniif kennuu ishee beeksifteetti. Kunis konkolaattota 400, misaa’ela haleellaa fi ittisa qilleensaa 1,600 dabalatee, misaa’ela dabalataa Istoorm Shaadoow misaayila qajeelfamaa fageenyaa dheeraa, rasaasa miliyoona afurii fi bidiruu 60 dabalatee, akka kennituuf waadaa galtee turte jechuun ibsichi addeessuu isaa Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply