ONM-ABO Adoolessa 8, 2024
Loltoonni Hindii lama finciltoota jaha cinatti lola qawwee geggeeffame lama bakka Kaashimiir Hindiin bulfamtu keessatti ajjeeffamuu isaanii poolisiin beeksisuun, kunis haala nageenyaa naannoo Himaalaaya falmisiisaa ta’e irratti yaaddoo uumeera.
Inispeektar Jeneraalaa poolisii Kaashimiir Vidi Kumar Birdi Dilbata kaleessaa dhaabbata oduu AFP’tti akka himanitti, humnoonni nageenyaa gandoota aanaa Kulgam naannoo falmisiisaa loltoonni lama itti ajjeefaman keessatti “hojii adda addaa lama raawwataniiru.”
Birdiin akka jedhanitti, gandoota Modergram fi Firisaal Chinnigam keessatti lolli qawwee itti fufeera.
”Reeffi shororkeessitoota lamaa Modergiraam irraa, kanneen biroo afur ammoo Firisaal Chinnigam irraa fudhanneerra,” jedhan Birdiin.
Taateen lubbuu namaa galaafate kun naannoo Muslimoonni baay’inaan keessa jiraatan keessatti haleellaa dabalaa dhufe keessaa isa dhumaa yoo ta’u, dhuma bara 1980’moota keessa fincilli hidhannoo bulchiinsa Hindii irratti ka’ee ture. Waggoota dhiyoo asitti jeequmsi xiqqaachaa kan dhufe ta’us, namoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman ajjeefamaniiru.
Hindiin yeroo hunda Paakistaan finciltoota naannicha keessa jiran deggartee hidhachiifti jettee himattus, himannaa Hindii kana Islaamaabaad ni haalti.
Hindii fi Paakistaan lamaan isaanii iyyuu naannoo Himaalaayaa Muslimoonni baay’inaan keessa jiraatan guutummaatti kiyya jechuun himatanis garuu gartokkee isaa bulchu. Yeroo addaatti lafa kana to’achuuf marsaa sadii wal lolanii turuu Aljezeeran gabaaseera.


