• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca’aatti qonnaan bultoonni waraana faashistii PP’n ooyiruu akka hin seenne dhorkamuun himame

Jul 9, 2024

ONM-ABO Adoolessa 9, 2024

Jiraattonni godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca’aa naannoo warshaa sukkaaraa jiran waraana goolessaa PP’n hojii qonnaatti ba’anii akka hin dalaganneef ugguramuun hiraarfamaa jiraachuu himan

Dararaa fi doorsisni jabaan jiraattota godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca’aatti jabaachuun kan himame yoo ta’u, namni kamuu bakka hojii isaatti argamnaan rasaasaan rukutamee akka du’u murteen garee badii bilxiginnaan irratti darbee jiraachuu ibsu.

Addattuu maatiin qabsaa’otaa ilmaan isaanii Waraana Bilisummaa Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessa jiran waraanni faashistii PP  gochoota gara jabummaa adda addaa irratti fudhachaa kan jiru yoo ta’u, namoota kana irratti dararaa jabeessuun lageen keessa ari’anii qabuu reebicha irratti raawwachuu, hidhuu fi qe’ee jalaa barbadeessuu raawwachaa jiru.

Namoonni lakkoofsaan hedduu ta’anis qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aniiru.

Walumaagalatti jiraattonni godina Horroo Guduruu Wallaggaa waqtii oomisha midhaaniitti dararaa argaa jiraniin haalli egeree maatii isaanii yaaddessaa ta’uu ONM’f yaada isaanii qoodaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading