• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti waraanni impaayera Itoophiyaa uummata irratti saamichaa fi gudeeddii raawwate

Jul 9, 2024

ONM-ABO Adoolessa 9, 2024

Murni afaaniin nagaa labsaa ifaa ifatti immoo gara jabeenyaan hawaasa nagaa irratti duula duguuggaa sanyii labsuun olaantummaa abbaa irrummaa isaa ifatti mul’isee dararaa hamaa uummata irraan gahaa jiru bilxiginnaan, godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti uummata irratti saamichaa fi gudeeddii raawwachuun himameera.

Adoolessa 2, 2024 ganda Baqoo Jallisaa jedhamu keessatti loltoonni Abiy Ahimed kanneen Raayyaa Ittisa Impaayerattii jedhaman gochaa hawaasa Oromoo keessatti qaaneessaa fi ciiggaassisaa ta’e namoota maqaan isaanii:

  1. Ayyalee Abdiisaa shamarree ganna 12 kan taate,
  2. Aadde Qabbanuu Guutaa  fi
  3. Aadde Zannabuu Abbabaa umurii 52 kan taate irratti gudeeddii gara jabeenyaa fi gocha safuu hawaasichaa cabsee fi gurraan dhaga’uuf illee nama suukkanneessu irratti raawwachuun barameera.

Afaan qawwee gargaaramuun hawaasa meesha maleessa dararanii garaa guuttachuu kan baran loltoonni sirnichaa guyyuma kana Adoolessa 2, 2024  namoota maqaan isaanii:

  1. Mootii Roobii
  2. Tamaa Baalchaa
  3. Tolaa Alamuu
  4. Taammiree Xaafaa
  5. Addunyaa Masqalaa
  6. Hirkoo Daadhii
  7. Shaambal Nagaasaa
  8. Shallamaa Hirphaa fi
  9. Dinquu Dhugumaa kan jedhaman jalaa shonkooraa isaaniitti torban hedduuf itti duuluun ooyiruu isaanii duwwaatti hambisanii jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.

Dabalataanis, achuma gandichatti maallaqa hedduu uummata irraa humnaan saamanii jiru.

Namoonni qarshiin jalaa saamame maqaan isaanii:

  1. Kaffalaa Garramaa jalaa qarshii 4,000
  2. Birroo Gotee jalaa qarshii 36,000
  3. Geetachoo Raggaasaa jalaa qarshii 5,000 saamanii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading