ONM-ABO Adoolessa 10, 2024
Loltoonni impaayera Itoophiyaa uummata Oromoo dararuuf bobbaafaman barattoota gaadanii ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisaa akkuma turanii fi jiran yeroo isaan gara maatiitti boqonnaaf galan immoo ija shakkii fi sodaan ilaaluun waan ittiin yakkanii galma barattoota Oromoo hanqisan kalaqachuun hojjechaa jiru.
Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuutti caasaan bilxiginnaa barattootaa fi hawaasa irratti reebichaa fi doorsisa raawwachuun qorqalbii miidhaa jiraachuun ibsameera.
Jiraataan magaalaa Kiiramuu tokko akka jedhetti “waraanni impaayera Itoophiyaa Raayyaa Ittisa biyyaa jedhaman barattoota mana barumsaa garaagaraa irraa barachaa turanii boqonnaa gannaaf gara maatiitti galanii jiran gabaa keessatti adamsanii qabuun jilbeenfachiisanii qaxxamurtuun rifeensa irraa muruun reebicha hamaa irraan gahaa jiru. Akkasumas Waraqaa eenyummaa gaafataa oolu. Namoota waraqaa eenyummaa hin qabne uleedhaan hanga harki isaanii dhukkubutti reebaa jiru jedha.
Adoolessa 7, 2024 namoota waldaa irraa galan wangeela irraa fudhanii “mataa kee maaliif hin sirreeffattu?” jedhanii reebicha hamaa raawwataa oolan” jechuun dubbata.
Caasaan bilxiginnaa onichaa kanneen dhiiga ilmaan namaaf marartoo hin qabne finxaaleeyyii Amaaraa waliin ta’uun yakkoota gara jabinaa daangaa darbe uummata onichaa irratti raawwachaa jiru.


