• Tue. Nov 24th, 2026

Gubaatiin manneenii loltoota sirnichaan raawwatamu godina Arsii Bahaa keessatti jabaatee itti fufe

Jul 10, 2024

ONM-ABO Adoolessa 10, 2024

Loltoonni sirnicha utubanii jiran manneen qonnaan bultoota nagaa humnaan qabeenya isaanii irraa saamuu fi butanii achi buutee dhabamsiisaa jiru.

Gareen maafiyaa PP kunneen loltoota isaa hawaasa jireenya isaa nagaan geggeeffatee jiraatutti bobbaasee godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Haccamoo Furfuree  iddoo addaa Qancaraa jedhamutti  qabeenya hawaasaa saamuu fi kanneen akka re’ootaa ammoo qalatanii nyaachuun, uummata irratti reebicha hamaa raawwachaa jiru.

Namoota maqaan isaanii; 

1.Abdurjabbaar Abdurhamaan fi 

2.Abdurhamaan Hajii Huseen kanneen jedhaman re’oota isaanii jalaa fudhachuu fi qalachuun harka duwwaatti hambisanii deemuus dabaluun ibsaniiru.

 Uummata gandichaa qe’ee isaanii irraa kaasuun akka isaan magaalaatti galan akeekkachiisanii jiraachuu fi kan magaalaatti hin galle deggaraa WBO’ti jedhamee akka ajjeefamu doorsisuus ibsaniiru.

Haaluma kanaan uummata mana isaanii irraa gubuun Adoolessa 5, 2024 magaalaa Jimaatee keessaa butuun achi buutee isaanii dhabamsiisanii jiraachuus dabaluun himaniiru.

Qaamoonni hidhatanii maatii qabsaa’ootaa kana hidhaa, saamicha, gubaatii fi ajjeechaa irratti raawwachiisaa jiran milishaa maqaan isaa Dannoo Horaa fi Abdurqaadir Ayyaanaa ta’uus jiraattotni kunneen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply