• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Jimmaatti lukkeeleen bilxiginnaa daldaltoota irratti gibira humnaa olii muraa jiraachuun himame

Jul 10, 2024

ONMABO Adooolessa 10, 2024

Gareen saamtotaa bilxiginnaan, ilmaan Oromoo roga isaaniif danda’ame maraan hacuucuu fi mirga isaa sarbuun dinadgeen akka dadhabu irratti hojjechaa kan jiran yoo ta’u, addatti immoo daldaltootni kufaatii dinagdee keessa akka seenaniif dhiibbaa olaanaa taasisaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Jimmaa aanaalee digdama irratti kisaaraa dinagdee isaan irra ga’e dandamachiisuuf miindaa hojjettootaa kan ji’a Adoolessaa fi Hagayyaa kaffaluuf baajata waan hin qabneef daldaltoota irratti kaffaltii gibiraa marsaa 4’ffaaf torban kana humnaa ol daldaltoota magaalaa fi baadiyyaa hunda irratti dabaluun humnaan dirqisiisanii kaffalchiisaa jiraachuu maddeen keenya eeran.

Daldaltoota sadarkaa gadaanaa irra jiran kanneen ittiin buluuf qofa mana hojii xiqqoo kireeffatanii hojjetan, mana fuuldurattii fi gabaa keessatti daldalan osoo hin hafne itti ramaduun irraa guuraa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading