ONM- ABO Adooolessa 9, 2024
Lubbuu Uummata Oromoo fi qabeenyaa isaa balleessaa kan jiru kolonel Abiy Ahimed yeroo irraa gara yerootti duula jabaa uummaticha lafa irraa balleessuu fi dinagdee isaanii harkaa dadhabsiisuu irratti xiyyeeffachuun loltoota gara jabummaan guutaman leenjisee hawaasa keessatti bobbaasuun qe’ee sabichaa keessatti gochoonni safuu fi duudhaa hawaasichaa hin ibsine guyyuu raawwatamaa oola.
Adooleessa 6, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Orgooggoo Luuxuu keessatti saamicha, gubaatii manneen qonnaan bultootaa dabalatee lubbuu dargaggoota sadii hidhattootni sirnichaa galaafachuu jiraattotni ONM’tti himan.
Haaluma kanaan Obbo Abbabee Gaalessaa jalaa mi’a mana keessaa waliin mana jalaa gubanii yoo barbadeessan, Obbo Dabalee Turaa jalaa ammoo horii sadii fi re’oota 8 jalaa fudhachuun haadha manaa isaa irratti reebicha hamaa raawwachuu jiraattotni dabaluun ibsaniiru.
Guyyuma sana gandichumatti dargaggoota sadii kanneen maqaan isaanii Lammaa Damisee, Tolasaa Geetaachoo fi Fiqaaduu Baqqalee jedhaman haala suukkanneessaan rasaasaan tumanii ajjeesuun barameera.
Dargaggoonni ajjeefaman kunneenis barattootaa fi hojii qonnaa maatii isaanii gargaaruun kan jiraatan yoo ta’u erga sobanii WBO waliin walitti dhufeenya qabdu jechuun ajjeesanii booda maatiin isaanii akka reeffa hin kaafannes dhorkuu jiraattotni kunneen ibsaniiru.



