ONM-ABO Adoolessa 10, 2024
Sirni gadaa aangoo isaa dheereffachuuf qofa ilmaan haadha hiyyeessaa humnaan qabee siyaasa dulloomaa impaayerummaa irratti ijaarame akka tiksan leenjii kenneefii bobbaasus loltoonni baay’een siyaasa barri itti darbee fi Oromoof kan hin taane ta’uu baranii sirnicha ganuu itti fufanii jiru.
Waraanni sirnichaa miseensaa hanga qondaalaa osoo hin hafin gochaalee sirnichi raawwatu jibbuu, balaaleffachuu, ajaja wal irraa fudhachuu diduu fi gariin isaanii immoo taatee jibbisiisoo kanneen raawwachuu jibbuun wal ajjeesuu fi of ajjeesuun bakka cufatti mul’achaa jira.
Haaluma kanaan loltoonni faashistii PP 5 Adoolessa 8, 2024 godina Lixa Shagar aanaa Ada’aa Bargaa magaalaa Mogor irraa qawwee AKM 7 qabatanii Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamanii jiru.
Loltoonni kunneenis simannaa, jaalalaa fi ofitti hawwannaa Waraanni Bilisummaa Oromoo isaanitti agarsiise dinqiisiifachuun nagaan bakka yaadan ga’uu fi sirna uummata Oromoo nyaataa jiru keessaa bahuunis guddoo nutti toleera jedhan.
Itti dabaluunis mooraa diinaa keessa taa’anii diinaaf meeshaa ta’anii uummata irraa dhalatan ajjeesuun ofis ta’e biyya ofii ganuudha kan jedhan miseensotni waraana bilxiginnaa kun, warreen meeshaa diinaa baattanii jirtan gara qabsoo saba keessaniitti koottaa jechuun warra hafaniifis dhaamsa isaanii dabarsaniiru.


