ONM-ABO Adoolessa 10, 2024
Koolu galtoota sadii UK’n gara Ruwaandaatti erguuf yaalii goote dhorkuuf himannaa manni murtii dhiyeesseen Kibxata kaleessaa dhimmi isaanii furmaata kan argatan yoo ta’u, kunis erga mootummaan paartii Laaboor dhufee imaammata kana dhiisee booda.
Muummichi ministeeraa Keyir Istaarmer karoorri godaantota biyyaa ari’uu mootummaan Konsarvaatiivii aangoo irraa kaafameen bocame ”du’ee awwaalamera” jechuun Sanbata darbe beeksisaniiru.
Duraanis mormiin seeraa karoora kana baay’ee kan ture yoo ta’u, Manni Murtii Olaanaa UK bara darbe ji’a Muddee keessa Ruwaandaan koolu galtootaa fi biyya nageenya qabdu jedhamtee fudhatamuu waan hin dandeenyeef seera idil-addunyaa jalatti seeraan ala ta’uu murteessee ture.
Abukaatoon mootummaa Jeems Eediye Kibxata kaleessaa Mana Murtii Olaanaa Landanitti akka himanitti”Himatamtoota maqaan isaanii ibsaman sadan waliin walqabatee, dhimmi himatamtoota kanaa baasii isaanii kaffaluun guutummaatti ni ilaalama, ni baafama jedhan.
Afrikaa keessatti ummata miliyoona 13 kan qabdu Ruwaandaan biyyoota ardii Afrikaa keessatti tasgabbaa’oo ta’an keessaa tokko ta’uu ishee kan himtu yoo ta’u, bu’uuraalee misoomaa ammayyaa qabaachuu isheetiin galata argatteetti.
Garuu gareewwan mirga falman Pirezidaantiin durii Pool Kaagaamee haala sodaa, mormii fi bilisummaa dubbii ukkaamsuu keessatti bulchaa jiru jechuun himatu.
Dubbi himaan mootummaa isaanii Wiixata darbe akka jedhanitti, ”Rwaandaan yaada mootummaan UK Waliigaltee Tumsa Godaansaa fi Misooma Diinagdee addaan kutuuf qabu hubatti” jedhan.
Akka qaama waliigaltee kanaatti UK’n kanaan dura gara paawundii miiliyoona 240 (Doolaara miiliyoona 307) Ruwaandaaf kan kaffalte yoo ta’u, paawundii miiliyoona 50 dabalataan yeroo booda erguuf beellama qabdi jechuun France 24 gabaaseera.



