• Tue. Jan 13th, 2026

US pirezidaantii haaraa jalatti jijjiirama imaammataa Iraan irraa eeguu akka hin dandeenye  ibsite

Jul 10, 2024

ONM- ABO Adooolessa 9, 2024

Ameerikaan Wiixata kaleessaa erga filattootni kaadhimamaa haaromsaa Maasuud Pezeshkiyaan filatanii booda jijjiirama imaammataa Iraan irraa akka hin eegne ibsuun  carraa marii deebi’anii jalqabuu xiqqeessiteetti.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Maatiyuu Miilar ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “Filannoon kun kallattii Iraan ykn imaammata ishee irratti jijjiirama bu’uuraa fida jennee hin eegnu.

“Ifaadha, pirezidaantiin haaraan kun sagantaa niwukilaraa Iraan hir’isuuf, shororkeessummaaf maallaqa kennuu dhaabuuf, sochii naannicha keessatti tasgabbii dhabsiisu dhaabuuf tarkaanfii fudhachuuf aangoo osoo qabaatee, sun tarkaanfiiwwan nuti simannu ta’a,” jedhan Miller.

“Garuu jechuun hin barbaachisu, waan kana booda ta’uu mala jenne eegnee hin qabnu.”

Ameerikaan yoo xiqqaate filannoo Pezeshkiyaan booda Iraan waliin dippilomaasii irra deebitee banuuf fedhii qabaachuu ishee gaafatamanii, Miilar akka jedhanitti: “Yeroo hunda sagantaa niwukilaraa Iraan ilaalchisee furmaata bu’a qabeessa, itti fufiinsa qabu argachuuf dippilomaasiin karaa hunda caalaa bu’a qabeessa ta’uu isaa dubbanna.”

Garuu Waayit Haawusitti dubbi himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Joon Kirbii, Ameerikaan Iraan waliin marii niwukilaraa deebiftee jalqabuuf qophii ta’uu ishee gaafachuun, “Lakki” jechuun cimsanii dubbataniiru.

“Namni kun maal hojjechuu akka barbaadu ilaalla, garuu amala Iraan irratti jijjiirama tokkollee hin eegnu,” jedhan Kirbiin.

Pirezidaanti Joo Baayiden bara 2021 waliigaltee niwukilaraa bara 2015 Iraan waliin taasifame kan pirezidaantii duraanii Baaraak Obaamaa jalatti mari’atamee fi kan isaan bakka bu’an Doonaald Tiraamp qoqqobbii bal’aa Iraan irratti kaa’aniin kosii keessaa ba’etti deebi’e fooyyessuuf abdii qabatanii aangoo qabataniiru.

Marii Ameerikaa fi Iraan niwukilera irratti taasisan bara Obaamaa 2015 mallattaa’us yeroo Doonaald Tiraamp qoqqobbii haaraa irratti dabalamee ture.

Pirezidaanti Joo Baayideen rakkoo kana furuuf waadaa galanii aangoo bara 2021 qabatanis furmaatni waaraan hin dhufne.

Garuu mariin karaa Gamtaa Awurooppaatiin mari’atame kun gartokkoon waldhabdee Ameerikaan qoqqobbii Iraan irratti kaa’ame hangam akka kaaftu irratti uumameen caccabee ture.

Haleellaa michuu Ameerikaa Israa’el irratti Onkoloolessa 7 Hamaas kan Iraan irraa deggarsa argatu erga raawwateen booda hariiroon daran hammaataa dhufeera jechuun Arab News gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading